AKKAATAA ITTI PASSWARDII KOMPITARA CABSUU DANDEENYUU

Password kompiitara namaa akkamiin cabsuu dandeenya ?

CMD fayyadamuun akkamiin kompiitara namaa password isaa cabsuu dandeenya ?

Kana gochuuf jalqaba ...

1.Compiitaricha Start jenna

2.Bakka Search godhamutti CMD jennee barreessuun search goona

3.Command prompt kan jedhurratti righ click tuquun Run as administrator kan jedhu filanna

4.User account control... yes or No sanduuqa jedhu...yes jenna sana booda iskiriiniin kompiitarichaa gurraacha'a

5.net user jechuun enter tuqaa
   Fayyadamtoota kompiitara sanaa siniif tarreessa,itti aansuun fayyadamtoota jiran keessaa tokko filattu fkn..fayyadamaan Tolasaa jedhamu otuu jiraate

net user Tolasaa 1234
 Jettanii yeroo barreessitan The Command completed succesfully kan jeshu siniif dhufa

Kana jechuun password haaraan 1234 ta'eera jechuu dha.


6.Exit jettanii yeroo barreessitan cmd'n ni cufama

  Xumurameera amma password keessan isa haaraa galchuun kompiitaricha banattu