Hatootnii amaatan Amma dafaatti bilbilaa keessan ilala


❗Hattoonnii Aappii #spyhuman jedhamu faayyadamanii wanta nuti mobaayila keenyan adeemsifnu hunda nu jalaa hordofaa akka jiran beekamee jira  Fkn,
●Ergaa whatsappii, messenger,line fi kkf waliif erginu nu jalaa hordofuu
●Photo gallery keessaa qabnu hunda ilaaluu yoo barbaadaniis save godhanii fudhachuu
●Bilbila eenyutti akka bilbille sa'aatii meeqatti akka bilbille daqiiqaa meeqa akka haasofne maal akka haasahaa turre hunda argachuu
●kaameeraa keenya akka barbaadanitti garagalchanii photo kaasanii fudhachuu,
●Sagalee keenya yeroo barbaadanitti live waraabanii fudhachuu
●Aappii mobaayila keenya irraa qabnu ilaaluu yoo fedhaniis kan barbaadan nu jalaa haquu
●Interneeta irratti maal akka search godhaa turre beekuu
●bakka nuti jirru beekuu fi kan kana fakkaatan hedduu nu jalaa hordofuu danda'u kanaafuu akka asii gadii kanatti hojjadhaa mobaayila keessan balaa kana irraa qulqulleeffadhaan dhaamsa kiyya
~~~~~
"Jalqaba Setting banadhaa itti aansun Application manager kan jedhu tuqaa san booda gama mirgaa irraa gara bitaattii dabarsuun All kan jedhu jala dhaqaa All kan jedhu kana keessatti Aappii mobaayila keessan irraa qabdan kan dhokatees tahee kan dirree jiru hunda ni argattu Fuula sanirra gadi deemun Aappii maqaan isaa secure service ykn system service jedhu barbaadaa yoo agartan akka namni biraa isin hordofaa jiru beekaa dafaati uninstall godhaa ofirraa balleessaa"
~~~~~~
๐Ÿ”นDhaamsa
☆Mobaayila keessan yeroo mara cuftuu screen paaterniis tahee paaswoordiin kan isin malee namni biraa banee seenuu hin dandeenyen hidhachuu hin dagatinaa
☆Nama eenyummaa isaa beektaniis tahee kan hin beekne mobaayila keessan goonkumaa itti hin kenninaa yoo itti kennitaniis biraa hin fagaatinaa waan inni godhuus laalaa
☆Namoonni mobaayila hojjataa namarraa bittan format gootanii akka haarawatti itti faayyadamuu qabduu jechuunan 
#Galatoomaa